Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin hoggansa sodaa balaa ergama isaa sirnaan ba’uu akka qabu koreen dhaabbichaa hubachiise

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Komishiniin Hoggansa Sodaa balaa ergama isaa sirnaan ba’uu akka qabu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Hariiroo Alaa fi dhimmoota nageenyaa hubachiiseera.

Korichi har’a karoora mana hojjichaa bara 2015 irratti mari’ateera.

Balaa Uumamaa fi namtolchee kutaalee biyyattii garaagaraatti muudateen lammiileen buqqa’an hedduun jiraachuu Walitti Qabaan korichaa Dooktar Diimaa Nagawoon ibsaniiru.

Rakkoo muudachuu danda’u dursanii ittisuuf Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa uwwisa isaa bal’isuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hawaasa sababa hongeen miidhamaa jiru deeggaruuf komishinichi qophii taasiisuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Ergama dhaabbatummaa isaa sirnaan ba’uuf ogeeyyii fii caasaan of cimsuu, hariiroon naannolee fi dhaabbilee deeggartootaa waliin qabu iftoomina qabaachuu akka qabu korichi hubachiisuu qaba jedhame.

Ityoophiyaatti lammiileen miiliyoonni 15.4 sababa balaa uumamaa fi namtolcheen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Obbo Hayidar Hasan eeraniiru.

Yaadni koricharraa ka’e barsiisaa fi jajjabeessaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.