Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin sirna barnootaa idil addunyaa Preezdaant Saahilawarqiin durfamu marii gaggeesse

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Komishiniin sirna barnootaa idil addunyaa Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen durfamu haala gara fuulduraarratti mari’achuu fi karoorsuuf marii gaggeesseera.
Miseensonni komishinichaa qabiyyee ijoo gabaasichaatti mari’achuu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni agarsiisa.
Komishinichi ogeeyyii bebbeekkamoo idil addunyaa kan hammate ta’uu ibsameera.
Marii kallattii, imaammataa, tarkaanfii waloo fi carraan barnootaa gara fuulduraa maal fakkaachuu akka qaburratti gabaasa mariif carraa uumuu qopheessaa jiraachuu himameera.
Gabaasichi yaa’ii waliigalaa ‘UNSECO’ Baatii Sadaasaa 2021 gaggeeffamuuf ni dhiyaata jedhamee eeggama.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.