Fana: At a Speed of Life!

Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaafi Baankiin Misoomaa waloon Waldaalee Horsiisa Beelladaa qindeessuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Ityoophiyaafi Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa magaalota 90 keessatti Waldaalee Horsiisa Beelladaafi oomishtoota bu’aalee beelladaa waloon qindeessuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigalticha Komishinarri Komishinii Waldaalee Hojii Gamtaa Ityoophiyaa Firee’alam Shibaabbaawufi Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalaw mallatteessaniiru.

Haala hojiirra oolmaa waliigaltichaa irratti ogeeyyiin Waldaalee Hojii Gamtaa naannoleerraa walitti babba’an magaalaa Bishooftuutti mari’achuu ibsameera.

Qabeenyi beelladaa bu’uura guddina diinagdee biyyattii akka ta’uuf qabeenya beelladaafi bu’aalee beelladaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuu Komishinar Firee’alam ibsaniiru.

Magaalota keessatti ogeeyyii saayinsii beelladaan leenji’an qindeessuun qaala’iinsa gatii gama beelladootaafi bu’aalee beelladootaan mul’achaa jiru tasgabbeessuuf kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalew gamasaaniin, Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa misooma beelladaafi bu’aalee beelladaarratti jijjiiramni akka dhufuuf komishinicha waliin walta’iinsaan kan hojjetamu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.