Fana: At a Speed of Life!

Konfireensiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa eegalame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Konfireensiin Miseensota Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘ Guddina Itiyoophiyaaf jecha gochaan’ jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.

Konfirensii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahi, Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Itti Gaafatamaa Waajjira Paarii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa dabalatee hoggantoonni olaanoon argamaniiru.

Konfirensichaan raawwii hojii bara Filannoo Walakkaa miseensota Paartichaa kan gamaaggamamu ta’uu eerameera.

Paartichi Afaan Oromoo, Amaaraa, Tigree, Afaan Somaalee fi Afaar Afaanoota hojii mootummaa Federaalaa ta’uu akka qaban kallattii kaa’een afaanoota kanneen saganticha beeksiisuu ibsameera.

Bakka buutoonni naannolee hundaa Afaan isaaniin ergaa dabarsuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.