Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattonni  deeggarsa namoomaa fe’an 12 gama Afaariin gara  Tigraayitti imala eegaluu ibsame

Finfinne,Sadaasa 9,2015 (FBC)- Qindeessummaa Sagantaa Nyaata Addunyaan Konkolaattonni  deeggarsa namoomaa fe’an 12 gama Afaariin gara Tigraayitti imala eegaluu ibsameera.

Sagantaan Nyaata Adunyaa gama naannoo Afaariin deeggarsa namoomaa uummata Tigraayiif qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu eerameera.

Guyyaa har’aa konkolaattota boba’aa fe’an dabalatee konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 12 gama Afaariin gara Tigraayitti imala eegaluu ibsameera.

Deeggarsichi naannicha akka qaqqabuuf uummanniifi mootummaan naannoo Afaar kan hojjetu ta’uu ibsamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.