Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattoonni deeggaarsa namoomaa fe’an 21 guyyaa har’aa karaa Afaariin gara Naannoo Tigraayitti imaluu eegalan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Konkolaattoonni gurguddoon deeggaarsa namoomaa fe’an 21 guyyaa har’aa karaa Afaariin gara Naannoo Tigraayitti imaluu eegaluu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeskiise.
Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraay haala rakkisaa keessa jiran baraaruuf filannoowwan jiran hunda fayyadamuun deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf sochii eegaluun kan yaadatamuudha.
Guyyaa murtoon kun murtaa’ee eegalee meeshaalee yaala fayyaa, maallaqa fi nyaata badhaadhaa dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun geejjiba qilleensarraan geejjibsiisaa tureera.
Guyyaa har’aa gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 21 naannoo Afaar karaa Abi’aalaan gara naannoo Tigraay imaluu eegaluu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif dhiyeessii barbaachisu dhiyeessuf dhaabbilee deeggartootaa fi qooda fudhattoota waliin hojjechuuf murannoo qabu guyyaa har’aas irra deebiin mirkanneessuu tajaajilli Kominikeeshinichaa ibseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.