Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi ajandaa dhiyeessuu kamuurratti mari’ataa waliin mootummaan mariif qophii ta’uu Muummeen Ministiraa mirkaneessan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Koomishiniin Marii Biyyaalessaa ajandaa dhiyeessuu kamuurratti mari’ataa waliin mootummaan mariif qophii qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Muummeen Ministiraa hoggantootaa koomishinii marii biyyaalessaa waliin mari’ataiiru.

Maricharratti Walitti Qabaan Koomishinichaa Pirofeesar Masfiin Aar’aayaa, baatiiwwan afuran darban raawwii koomiishinichi gaggeessee dhiyeessaniiru.

Boqonnaa qophii duraatiinis hojiilee garagaraa raawwachuu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadis wayita marichaatti, mariin biyyaalessa hirmaannaa lammiileen Ityoophiyaa ijaaruun dhaloota ittaanutti dabarsuuf carraa bal’aa kan uumuudha jedhaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, mootummaan koomishinicha waan barbaachisu hundaan akka tumsus beeksisaniiru.

Hojiirrattis giddu seentummaan kamiyyu jiraachuu akka hindandeenye mirkaneessan.

Koomishiniin marii biyyaalessaa ajandaa dhiyeessuu kamuurratti mari’ataa waliin mootummaan isaanii mariif qophii akka ta’e ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.