Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi yaada maamiltootaa fi qeeqa madaalawaa fudhachuun sirreessuuf qophiidha-Kom. Dabalee Qaabataa

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Koomishiniiin Gumurukaa yaada maamiltootaa fi qeeqa madaalawaa fudhachuun sirreessuuf yoomiyyuu qophii ta’uu Komishinarri Komishinichaa Dabalee Qaabataa dubbatan.

Komishinichi rakkoolee walxaxaa keessa ba’uu fi kenniinsa tajaajila isaa fooyyessuuf sochii taasiseen qormaanni hedduun mudachuu eeraniiru.

Keessumaa kanneen seeraan ala sochii taasisan waliin qabsoo taasifamuun lubbuun hoggantootaa fi hojjettootaa akka darbuu fi miidhaan qaamaa kan ga’u ta’uu himan.

Riifoormii dhaabbatummaa wareeganii itti kaffalamee gaggeeffamaa jiru duula maqaa balleessuu gaggeeffamuuf obsa kan hinqabne ta’uu eerruun, keessumaa wayita kenniinsa tajaajilaa hoggantootaa fi hojjetoota gufuu ta’an irrattis tarkaanfii fudhachaa jiraachuu hubachisaniiru.

Tibbanas Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti gochaa dhamaasuu maamila tokko irraatti gadda itti dhaga’ame ibsanii, komishinichi hoggansaa fi hojjetaa yerositti rakkicha uumanirratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu eeraniiru.

Wayita sanatti maamilli seera darbite kan hinqabne ta’uu ibsuun, dhamaatii maamilarraa ga’eef maqaa komishinichaan dhiifama gaafataniiru.

Rakkoon akkanaa wayita mudatutti maamiltoonni qaamolee seeraa fi hoggantootaa komishinichaa dhiyeenyatti argamanitti saaxiluu akka danda’an dubbataniiru.

Sadarkaa namoota dhuunfaatti hoggansii fi hojjetaan balleessa raawwachuun dhaabbilee fi yeroo kamittuu kan mudatu ta’uu kaasanii, rakkoolee mudatan waarinaan furuufis hojmaata qindaawaa dhaabbilee cimsuu fi hojiilee hordoffii fi to’annoo cimsanii itti fufsiisuun murteessaa ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.