Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Misaa’eloota Baalaastikaa hedduu gara Galaana Bahaatti furgugsuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC) –Antoonii Biliinkan Se’ool galuu hordofee Kooriyaan Kaabaa Misaa’eloota Baalaastikaa fageenga gaggabaaboo hedduu gara Galaana Bahaatti furgugsuu Waraanni Kooriya Kibbaa beeksiise.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan walga’ii gamhedduu Ministirootaarratti Hirmaachu Kooriyaa Kibbaa Magaalaa Se’ool galaniiru.
Biliinkan Magaalaa Se’ool seenuu isaanii hordofee Kooriyaan Kaabaa Misaa’eeloo Baalaastikaa kanneen furgugsuu eerameera.
Misaa’eeloonni kunneen har’a ganama naannawaa Piiyoongiyaangii dhukaafamuun fageenya Kiiloo Meetira 300 erga imalanii booda Galaana Bahaa keessatti kufuu isaanii ibsameera.
Kooriyaan Kaabaa Misaa’eeloota Paalaastikaa fageenya gabaabaa KN -24 jedhaman furgugsuu ishee Aanga’aa Olaanaan Waarnaa biyyatti dubbataniiru.
Kooriyaan Kibbaa akkuma ragaa kana argatteen akka mirkanaa’uuf Aanga’oota Ameerikaa fi Jaappaaniif qooduu eerameera.
Gochaan Kooriyaan Kaabaa raawwatte dachee Kooriyaatti nageenyi waaraa akka hin mirkanoofne kan taasiisu gochaa balaa fi qocholoo hamaa ta’uu hoggantoonni kunneen yaadachiisuu ‘Azer news’ gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.