Fana: At a Speed of Life!

Koreen Dhaabbichaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojiilee Misoomaa fi proojeektootaa daawwaate

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Koreen Dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojiile Misooma fi proojaaktoota hojjatamaa jiranii daawwaateera.
Mana Baruumsa sadarkaa 2ffaa Ifaa Boruu Gandaa Walta’iitti ijaarramaa jiru daawwateera.
Koreen Dhaabbii Caffee Oromiyaa Proojaktoonni hojjataman fayyadamumaa hawaasa mirkanneessuu isaanii kan hordofu ta’uu Itti aantuu walitti qabduun Koree dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee Aadde Caaltuu Tuqaa dubbataniiru.
Manni Barumsa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu kun bajataa Birrii miiliyoona 36 ijaaramaa jira jedhame.
Yeroo ammaa ijaarsi isaa % 95 irraa ga’uu Ittii gafaataamaan waajjiraa barnoota aanaa Gadab Hasaasaa obbo Qaasim Faanoo himaniiru.
Ijaarsi isaa baatii Waxaabajji bara 2013 xummuramuu osoo qabuu harkifachuu isaa eeraniiru.
Manni Barumsichaa ijaarsi isaa Osoo hin xumuramini adeemsa baruuf barsiisuu eegaluu obbo Qaasim himaniiru.
Koreen dhaabbii Misooma Baadiyyaa Caffee ijaarsichi ammas ariitiin xumuramuu akka qabu kallattii kaa’era.
Lammaa Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.