Fana: At a Speed of Life!

Koreen Waloo namoota dhiittaa mirga namoomaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf hundaa’e hojii eegale

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Dhiittaa mirga namoomaa naannolee Kaaba Ityoophiyaatti raawwate ilaalchisee Koreen Waloo Ministeerotaa yakkamtoota  seeratti dhiyeessuu fi miidhamtoota deebisanii dhaabuuf hundaa’e hojii eegale.

Korichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen tarsiimoo fi karoora gochaa baafachuun har’a irraa kaasee ifatti hojii eegaluu beeksiseera.

Hojiin yakkamtoota seeratti dhiyeessuu kun murtoo mootummaan waraana gariin dhaabuu erga murteesseen booda dhiittaa namoomaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti raawwatan kan ilaallatu ta’uu ibsameera.

Korichi hojii isaa haala milkaa’ina qabuun hojjechuu akka danda’uuf  qorannoo yakkaa fi himannaa, dhimmoota godaantotaa fi buqqaatotaa, miidhaa saalaa fi saamicha qabeenyaa ilaalchisee koreewwan hojicha qindeessan afur caaseffamuu ibsameera.

Koreewwan kunneen akkaataa tarreeffama isaaniin Ministeera Haqaa, Ministeera Nageenyaa, Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi Ministeera Maallaqaan kan hoogganaman ta’uu ibsameera.

Hojiilee guyya guyyaa Koreewwan kanneenii qindeessuu fi hordofuuf akka tolutti waajjirri of danda’e kan hundeeffamu ta’uu ibsameera.

Koreewwan hundaa’an wayita hojii isaanii hojjetan adeemsa hojii miidhamaa giddugala taasise akka hordofan, miidhamtoonni  dhugaa jiru akka beekanii fi mirgi haqa argachuusaanii akka kabajamu akkasumas sirna ittiin deeggarsa deebisanii dhaabuu fi beenyaa argatan hojiirra oolchuurratti akka xiyyeeffatan kallattiin kaa’amuu eerameera.

Korichi raawwii isaa ilaalchisee odeeffannoo wayitaawoo itti fufiinsaa uummataan kan ga’u ta’uu ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.