Fana: At a Speed of Life!

Korichi dhaabbii paarkiin indaastirichaa guddina oomishaa alergeef xiyyeeffannaa akka kennuu hubachiise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2015 (FBC)- Koreen Dhaabbii Dhimmootaa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa Paarkiin Indastirii Adaamaa oomisha alergee guddisuun biyyattiin damecharraa faayidaa argachuun maluuf akka argattuuf xiyyeeffannaa akka kennuu hubachiise.

Korichi dhaabbii, sochii hojii Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwachuun, hoggantotaa, hojjettootaa fi bakka bu’ootaa abbootii qabeenyaa waliin mari’ateera.

Paarkiin indaastirichaa lafaa hektaaraa 102rratti kan ijaaramee fi sheediiwwan 19 keessaa 16 abbootii qabeenyaan qabamuun hojii eegaluun ibsameera.

Lammiillee kuma 8’f carraa hojii uumuu ibsameera.

Paarkichi barana hanga ammaatti sharafa alaa Doolaara miiliyoona 8 argamsiisuu akka ciminaatti ka’eera.

Haalli yeroo ammaa jiru fooyya’aa waan ta’eef, abbootiin qabeenyaa hunduu daldalaa alergee fi kaayyoo hundeeffameef milkeessuurratti xiyyeeffachuun tattaaffii taasisuu akka qaban ibsameera.

Paarkichi abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuuf tattaaffii eegalee cimsuu akka qabu eerameera.

Kaffaltiin miindaa hojjettotaa haala qaala’iinsa jireenyaa kan giddugaleeffate waan hintaaneef, ilaalcha humna gadaanaa jedhu abbootiin qabeenyaa biratti calaqqisullee adeemsaan sirrachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dhaabbatichi naannawaa hojii mijataa uumuu fi yuunivarsitota waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbatichi gaaffilee humnaa olii kanneen akka addaan ciccituu elektirikii, hanqina sharafa alaa fi kanneen biroo qaama dhimmichi ilaallatuuf akka dhiyeessanii fi raawwiisaas akka hordofan akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.