Fana: At a Speed of Life!

Kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftootti meeshaaleen waraanaa garaagaraa to’atame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftootti boombiiwwan 19, Kilaash Kooviin 55 fi meeshaaleen waraanaa biroo hedduun to’atamuu ibsame.

 

Naannoo magaalaatti humnoonni badii gochaa shororkeessummaa raawwachuuf socha’aa jiran fashaleessuuf hawaasa waliin hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

 

Kutaa bulchiinsa Nifaas Silk Laaftoo aanaalee garaagaratti meeshaaleen waraanaa dhaabbilee adda adda keessatti kuufaman eeruu ummataan too’atamuu komishinichi beeksiseera.

 

Guyyaa kaleessaa Boombiwwan 19, Kilaash Kooviin 55, shugguxiiwwan 21, SKS 2, Chiikooziin 3, Bireeniin 1, Chiichiin 6 fi kanneen biroo waliigalan meeshaaleen waraanaa 113 to’atamuu ibsameera.

 

Dabalataan shugguxiiwwan 309, rasaasonni garaagaraa kumni 4 fi 829 to’atamuu ibsameera.

 

Aanaa 1 naannoo Tiraakoon Riil Isteet jedhamu mana jireenyaa nama dhuunfaa keessatti Doolaarri Ameerikaa kumni 64 fi 200 qabamuus himameera.

 

Sadaasa 3, 2013 eegalee torbee tokko keessatti waliigala Boombiiwwan harkaa 37, Bireeniin 1, manatsirri dirree waraanaa 5, raadiyoon qunnamtii 18, Kilaash Kooviin 589, Sugguxiiwwan 350, meeshaaleen waraanaa biroo ida’aman 1013 rasaasota addaa kuma 10 fi 404 waliin sakattoo gaggeeffameen too’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni agarsiisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.