Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun lammiilee kuma 12f deeggarsi taasiifame

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Ayyaana Iid Alfaxiir sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 12f deeggarsi miidhaan nyaataa taasifameera.

Lammiilee kanneeniif daakuu qamadii,zayita nyaataa,paastaa fi teemirri akkasuma sangaan qalmaaf oolu kennameera.

Sagantaa kanaratti Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Komiishinarri Komiishinii Qonnaan Bulaa fi Qonna Magaalaa obbo Baayyuu Shugguxee fi hojii raawwachiiftuu olaantuun kutaa magaalichaa Aadde Malaakee Alamaayyoo fi hoggantootni biroon argamaniiru.

Kutaa magaalichaatti qaala’insa jireenyaa yeroo ammaa mudatee jiruun lammiilee kuma 12 fi 500 caalaniif qaamoolee gara garaa hirmaachisuun, sagantaan maaddii qooduu qophaa’uu hojii raawwachiiftuu olaantuun kutaa magaalaa Lammii Kuraa Aadde Malaakee Alamaayyoo himaniiru.

Deeggersa kanaaf Birriin miiliyoona 36 baasii ta’uu fi deeggarsa kana keessatti qonnaan bultoota,daldaltootaa fi qaamolee hawaasaa kutaa magaalichaa hirmaatan galateeffachuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.