Fana: At a Speed of Life!

Labsichi lubbuu lammiilee baraaruuf malee,ba’aa namarratti fe’amee miti-obbo Dammaqaa

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Labsii ariifachiisan lubbuu lammiilee baraaruuf malee,ba’aa namarratti fe’amee miti jedhan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan.
 
Boordiin Qorannaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa labsichaan dhiibbaan mirga namoomaa akka hin qaqqabin beeksise.
 
Koreen ministirootaa ittisa weerara vaayrasii koroonaa obbo Dammaqaatin duurfamu miseensota boordii qorannaa labsichaa waliin mari’ateera.
 
Obbo Dammaqaan labsicha sirnaan hojiirra oolchuu baannan weerara vaayrasichaa qolachuun ulfaataa ta’a jedhaniiru.
 
Hubannaa uumuurratti hojiin hojjetamaa jiru dansaa ta’us, of dagannaan jiraachuu beeksisaniiru.
 
Labsichi lubbuu namaa baraaruuf murteessaa waan ta’eef, sirnaan hojiirra ooluu qabas jedhan obbo Dammaqaa Makoonnan.
 
Boordiin qorataas raawwii baatii tokkoorratti ibsa laatera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.