Fana: At a Speed of Life!

Lagni Awaash yeroo kaanirra haalan guutuu isaatin balaan lolaa mudateera

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Lagni Awaash yeroo kaanirra haalan guutuu isaatin balaan lolaa mudateera.

Naannoo Afaaritti lagichi kallattii geeddarachuun lammiileen akka buqqaafamanii fi qabeenyi isaanii akka manca’uuf sababii ta’eera.

Aanaa 1 qofatti oomisha heektaara kuma 14 ol irratti balaa qaqqabsiisera.

Oomishti shankooraa fi jirbii oomisha miidhaan irra ga’edha.

Oomishti miidhaan irra ga’uun barbadaa’e hedduun isaa Fulbaana 4 booda walitti qabamuuf kan turedha.

Dhaabbata Misooma Qonnaa Amibaaraa Awaash Jiddugaleessaa qofatti qabeenyi Birrii biiliyoona 1.5 ol barbadaa’era.

Hojjettoonni kumni 5 olis hojii dhabaniiru.

Lafa heektaara 6017 irratti oomishti misoome manca’ee, meeshaaleen Birrii miiliyoona dhibba 3 olii barbadaa’era.

Mootummaan naannoo fi federaalaa rakkinicha dandamachiisuuf tumsaan hojjechaa jiru.

Haaylayyasuus Siyyuumtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.