Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi ergaa gabaabaa proojaktii biyyaaf deeggarsa taasisuu; 333 ifoome

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Lakkoofsi ergaa gabaabaa proojaktii biyyaaf deeggarsa taasisuu; 333 ifoome.
 
Sagantaan deeggarsaa kun dhalattoonni Ityoophiyaa, lammiilee fi michoonni Ityoophiyaa guddina biyyattiitif ga’ee isaanii kan ittiin ba’atan ta’uun ibsameera.
 
Ijaarsa proojaktii Gorgoraa, Wancii fi Kooyshaaf karaa ergaa gabaabaa 333 Birrii hanga fedhan erguun ni danda’ama.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad saganticha yammuu eegalchiisanitti, hawwata tuuriizimii uumamaan walta’u Ityoophiyaatti ni ijaarra jechuun isaanii ni yaadatama.
 
Lammiileen biyyoota alaa jiran akkaataa deeggarsicharratti hirmaachuu danda’anirratti Iityoo Teelekoom haala kan mijeessu ta’uu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.