Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa kan turan garee hidhattoota Shaneerratti tarkaanfii fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Godina Gujii bahaatti Lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf socho’aa kan turan garee hidhattoota Shaneerratti tarkaanfii fudhatameera.

Gareen shororkeessitootaa Shanee ABUT waliin ta’uun naannoo Oromiyaa iddoowwan tokko tokkootti lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuuf sochoo’aa turan irratti haleellaan fudhatameera.

Garee kun godina Gujii aanaa Gooroo Doolaa ganda Adaadii fi maqaa addaan Mugaayyoo jedhamutti yaalii haleellaa taasisuu ibsameera.

Tarkaanfii fudhatameenis yaaliin garichaa fashalaa’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.