Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen hundi waraana baname tokkummaa biyyaalessummaan dhaabuu qabu-Dr. Laggasaa

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Baandonni keessoo fi diinonni biyyattii qindoominaan waraanaa damee hedduu banan lammiileen hundi tokkummaa biyyaalessummaan dhaabuu qabu jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Ministirichi toora miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, biyyi waraanaa keessa taatee “anii walabaa” jedhanii taa’uun lammii biyya isaa jaallaturraa kan eegamu miti jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Dureewwan ABUT “Ani duunaan margi hinmargiin” jechuun ummannii fi dargaggooni Tigiraay akka baalaa yoo harcaa’an akka dhimma hinqabnee eeranii, garechi abdiin ummataa Tigiraayiif fidu hinjiruu ibsan.

Maqaa ummata Tigiraayiin deeggarsa namoomaa kadhatamee dhufu hatuun waraanaaf fayyadama turuun gochaa qaanessaa garechaa ta’uu hubachuun, dargaggooni Tigiraay garechaa balaaleffachuu fi godaansi akka dhaabbatu tokkummaan sagalee isaanii dhageessisuu qabu jedhaniiru.

Dooktar Laggasaan ummanni dammaquu akka qabuu fi biyyi waraana keessa taatee walaba ta’anii taa’uun lammii biyyaa isaa jaallaturraa kan hineegamnee ta’uu ibsaniiru.

Kanaa,f Ityoophiyaanonni hundi waan danda’an maraan waraanaa damee hedduu biyyattiirratti baname dhaabuu akka qabu himan.

Tokkumaan dhaabbachuun dirqama jiraachuu fi jiraachuu dhabuutis jedhan.

Ityoophiyaan akka fedha diinotaatti akka hinbadneef hunduu mootummaa cinaa ta’uu fi Raayyaa Ittisaa tumsuun murteessa ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.