Fana: At a Speed of Life!

FIFAn Liidiyaa Taaffaseef waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 24, (FBC) – Haadha Murteessummaa Kubbaa Miilaa Liidiyaa Taaffaseef dorgommii waancaa addunyaa umrii waggaa 17 gadiirraa waamicha taasiifameefiira.
Dorgommii waancaa addunyaa Kubbaa Miilaa umrii waggaa 17 gadii qopheessummaa Hindiin gaggeeffamurratti tajaajila akka laataaniif FIFAn Liidiyaa Taaffaseef waamicha dhiyeeseera.
Dorgommiin waancaa Addunyaa Umrii Waggaa 17 gadii Onkololeessa 1 – 20, 2015 Hinditti gaggeeffama.
Qaama olaanaa Bulchiinsa Kubbaa Miilaa Idil addunyaa kan ta’e FIFAn Abbootii Murteessummaa dorgomichaaf murteessaa olaanaa 14, gargaaraa 28 fi murteeessitoota Viidiyoo 16 biyyoota garaagaraarraa filateera.
Afrikaarraa murteessitoota Viidiyoo 2 filateera.
Haati Murteessummaa Liidiyaa Taaffaseen kanneen Afrikaa keessaa murteessummaa Viidiyoon filataman keessaa ishee tokko ta’uu Sookar Ityoophiyaan gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.