Fana: At a Speed of Life!

Liigii Awrooppaan Shaakaatarii fi Seeviyaan walakkaa xumuraaf darban

Finfinnee, Hagayyaa 6, 2012 (FBC) –Tapha gulaallii nuusa xumuraa kaleessa galgala taphatamaniin Shakatar Dooneskii fi Seevilaan walakkaa xumuraaf darban.
 
Seeviyaan Woolviz 1-0n ijifachuun walakkaa xumuraaf ga’uu isaa mirkaneeffateera.
 
Taphicha irraatti Woolviz hampitoom rukuttaa adabbii argatus osoo itti hin fayyadamin hafeera.
 
Seeviyaan marsaa xumuraaf darbuuf yeroo itti aanu Maanchistar Yuunaayiitiid waliin morkata.
 
Seevilaan yeroo shan goonfoo Liigii Awurooppaa kaawwateera.
 
Oduma walfakkaatuun eda galgala Shaakaataar Dooneeskiin Baaseel 4-1n ijifateera.
 
Shaakaatar marsaa xumuraaf darbuuf Wiixata dhufu Intarmiilaan waliin morkata.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.