Fana: At a Speed of Life!

Liyooneel Meesiin Baarseloonaaf goolii 644ffaa galchuun riikkardii Peelee fooyyeesse

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Liyooneel Meesiin Baarseloonaaf goolii 644ffaa galchuun, galchii olaanaa kilaba tokkoo Peeleen qabamee ture fooyyeesse.

 

Taphataan sarara fuulduraa garee biyyaalessa Arjentiinaa tapha Laaligaa Ispeen kaleessa galgala Baarseloonaan Riiyaal Vaayaadooliid waliin taphateen daqiiqaa 65ffaarratti goolii sadaffaa kilaba isaaf galchuun riikkardii Peelee fooyyessuu danda’eera.

 

Taphataa cimaan Braaziil Peeleen wayita kilaba biyya isaa Saantos keessa ture bara Faranjootaa 1956 hanga 1974tti goolii 643 galchee ture.

 

Liyooneel Meesiin kilaba isaa Baarseloonaaf goolii jalqabaa bara Faranjootaa 2005 kan galche yoo ta’u, kilabicha waliin waancaa Laaligaa 10 fi Shaampiyoonsi Liigii 4 moo’ateera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.