Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni Yugaandaa Awwaannis ittisuurratti bobba’uufi

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Yugaandaan weerara hoomaa Awwaannisaa biyyatttiitti hammaachaa jiru ittisuuf loltoota bobbasuuf akka ta’e beeksiifte.

Hoomaan Awwaannisa gammoojjii Itoophiyaa, Keeniyaa, Soomaaliyaa, Yugaandaa fi TaanzaaniyaattI yaaddoo uumaa jira.

Hoggantoonni mootummaa Yugaandaa Dilbata galgala walga’ii ariifachiisaa taa’uun weerara Awwaannisa gammoojjii  kutaalee biyyattii daangaa Keeniyaatti mudate ittisuun haala  danda’amurratti marii’ataniiru.

Walga’ii ariifachiisaa kanarratti Muummeen Ministiraa biyyattii Ruhakaanaa Ruguundaa ittisa weerara awwaannisaaf yaada furmaataa kaa’aniiru.

Xiyyaarota keemikaala farra awwaannisaa biifan lamaa fi konkolaattota, paampiiwwan harkaan biifaman hedduun akka qophaa’u qabu himameera.

Loltootni biyyattiis hoomaa awwaannisaa ittisuuf shaakalliitti akka bobba’an ajajuuf karoorfameera.

Weerara awwaannisaa  daangaa Keeniyaatti mudate ittisuuf biyyoonni lamaan waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’aa jiraachuu himameera.

Baha Afrikaatti sababa hoomaa awwaannisa gaammoojjiin namoonni miiliyoonni 20 hanqina nyaataaf saaxilamuu akka danda’an Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa beeksiseera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.