Fana: At a Speed of Life!

Maancheestar Yuunaaytidii fi Intar Miilaan gitoota isaanii injifachuun gara xumura walakkaatti darban

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Maancheestar Yuunaaytidii fi Intar Miilaan gitoota isaanii injifachuun gara xumura walakkaatti darban.
 
Yuurooppaa Liigidhaan xumura kurmaanarraa gara xumura walakkaatti darbuuf kaleessa galgala taphoota gaggeeffamaniin; Maancheestar Yuunaaytid Kooppanhaagan waliin, Iintar Miilaan ammoo Baayar Liivarkuusan waliin walarganiir8u.
 
Kooppanhaagan waliin kan taphate Maancheestar Yuunaaytid daqiiqaa 90n booda rukuttaa argateen xumura walakkaaf darbuu danda’eera.
 
Galgaluma kaleessaa Deeseeldiroof Areenaatti Intar Miilaan, Baayar Liivarkuusan waliin taphatee galchii lamaaf tokkoon xumura walakkaaf darbuu danda’eera.
 
Intar Miilaan injifataa Shaakataar Dooneeskii fi Baazeel waliin kan taphatu yoo ta’u, Maancheestar Yuunaaytid ammoo injifataa Woolvisii fi Siiviyaa waliin xumura walakkaaf taphata.
 
Maddi; Sky Sport
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.