Fana: At a Speed of Life!

Maanchuriyaan Darbii 187ffaa

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC)- Kilaboonni magaalaa Maanchisteer,Maanchisteer Siitiifi Maanchisteer Yuunayitid yeroo 187ffaaf galgala kana daqiiqaawwan 90’f miira kubbaa miilaan waraana Raashiyaafi Yuukireen irraanfachiisuu danda’aan xiyyeeffannoo addaa kan argate beellama jabaa qabu.

Beellamni beellamaan kan walitti kakatan kilaboonni magaalaa Maanchisteer, Siitiifi Yuunayitid miira masaanummaa kubbaa miilaan yeroo jalqabaaf bara 1881 wal-keessummeessan.

Tapha maanchuriyaan darbiin yeroo 186 wal-arguun Maanchisteer Yuunayitid yeroo 77, Maanchisteer Siitiin yeroo 56 wal injifachuun yeroo 53 jaarsummaan gargar deebi’uun, kilaboota miira masaanummaa ija walitti baase wal-biraa qabaniidha.

Maanchisteer Yuunayitid keessattu bara umurii leenjisummaa Siir Aleex Farguseen Chaappiman olaantummaa fudhachuun miira darbii Maanchisteer Siitii keessatti qucarsuu dabalataan kilaboota Ingilaandi warra biroos hirraanfachiiseera.

Harki dabaree wal-dhiqa akkuma jedhamu amma garuu bara leenjisummaa Peep Gaardiyoollaa 2ffaa dhalachaa kan jiru Maanchisteer Siitiin magaalaa Maanchisteeriifi kilaboota pirimeerliigii Ingilaandi biroorratti olaantummaa dhuunfachuun adda dureedha.

Taphni Maanchuriyaan darbii galgala har’aa eegamu kilaboota gahumsa tibbana agarsiisaa jiraniin fuula garaagaraa 2 qaban miira masaanummaa cimaafi hamaan walitti fiduuf deema.

Maanchisteer Siitiin amma gahumsa qabuun gabatee liigichaa dursaa jira.

Maanchisteer Yuunayitid guggufannaa keessa jiraatus tapha miira masaanummaan du’aan isaa du’aa Kaannisaati.

Peep Gaardiyoollaan taphattoota koo fuula deggertoota isaanii mitii dirreen alayyuu sirriittiin amana jedhaniiru.

Raalfi Raanyiik Maanchisteer Yuunayitidiin CR7 malee gara Etihaaditti qajeelchuun taphicha dursee deggertoota kilabichaan gumgummii kaasera.

Beellamni Maanchuriyaan darbii 187ffaan galgala kana sa’atii 1:30’tti.Iftoominaan yaada keessan barreessaa.Deggertoonni kilaboota biroos jaarsummaaf affeeramtanittu.

Iddoosaa Abdiitiin

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.