Fana: At a Speed of Life!

Maatii fi daa’imman miseensoota raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaatti miidhaan irra qaqqabeef deeggarsi ni taasiifama jedhame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee maatii fi daa’imman miseensoota raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaatti miidhaan irra qaqqabeef deeggarsa barnootaa fi kunuunsa fayyaa kan taasiisu ta’uu beeksise.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daa’immanii fi maatii miseesoota raayyaa Ittisa biyyaa Izzii Kaabaa lubbuu isaanii dhabaniif hawaasa waliin ta’uun deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Aadde Adaanach, gaachana Ityoophiyaa fi Afrikaa raayyaa ittisaa biyyaaf qaamoolee deeggarsa ogummaa, qabeenyaa fi kanneen biroo taasiisa galateefachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinnerraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.