Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adoolaatti maallaqni sobaa Birrii kuma 72 fi 400 to’atamuu poolisiin beeksise

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaa Godina Gujii magaalaa Adoolaatti maallaqni sobaa Birrii kuma 72 fi 400 to’atamuu poolisiin beeksiseera.

Maallaqni sobaa kun kan to’ataman magaalaa Adoolaatti Sadaasa 7-11, 2013 guyyoota jiran keessatti warqee fi motar saayikilii bituuf otuu yaalanii shakkamtoota sadi ta’uu Itti Aanaa Hogganaan kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godinichaa komaandar Baqaaluu Ballaxaa ibsaniiru.

Jijjiirraa maallaqa sobaa babbal’achaa dhufee fi sochiiwwan seeraan alaa biroo ummanni wayita isaan mudatu poolisiif eeruu akka latan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.