Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bahir Daaritti waltajjiin sosochii misooma Invastimantii Albuudaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) –Naannoo Amaaraa magaalaa Bahir Daaritti Waltajjiin sosochii misooma Invastimeentii Albuudaa gaggeeffamaa jira.

Waltajjii kanarratti Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa dabalatee qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.

Waltajjichi Qabeenya Albuudoota naannichaarratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Naannoo Amaaraatti gosoonni Albuudaa 24 ol jiraachuu ibsameera.
Agarsiifni Qabeenya Albuuda naannichaa muli’sus banameera.

Naannoo Amaaraatti Qabeenyi albuudaa galteewwan ijaarsaa,Indaastirii fi tajaajila anniisaaf olu hedduminaan jiraachuu eerameera.

Alamsaggad Kaasatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.