Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dabaarqitti shakkamtoonni 124 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Hagayya 20, 2013 (FBC)-Godina Gondar Kaabaa magaalaa Dabaarqitti shakkamtoonni 124 to’annaa jala oolaniiru.

Seensaa fi ba’uumsa magaalichaatti sakattoo taasifameen shakkamtoonni 124 to’annaa seeraa jala ooluun ibsameera.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Dabaarqi obbo Geetinnat Tsaggaa akka ibsanitti, gareen shororkeessaa ABUT lo’ee magaalichaa akka hin seenneef hojiin hawaasa kaka’asuu hojjetameera jedhaniiru.

Yeroo amma kanas dargaggoonni kumni 2 fi 700 adda baafamaniif leenjii loltummaa laatamuu ibsuun, dargaggoonni nageenyaa magaalichaa akka eegaan, seensaa fi ganda keessaatti sakattoo akka taasisaaniif hogganichi hubachiisaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.