Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Daamaraa sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 14,2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Ayyaana Daamaraa sababeeffachuun naannoo mana amantaa Kiristiyaanaa Isxifaanoosiitti duulli qulqullinaa gaggeeffameera.
Ejensiin bulchiinsa balfa gogaa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qiirqoos waliin ta’uun kabaja ayyaana Daamaraa sababeeffachuun naannoo mana amantaa Kiristiyaanaa Isxifaanoosiitti duulli qulqullinaa gaggeessaniiru.
Dullicharratti hoggantoonni olaanoo magaalichaa, dargaggoonni tola ooltonni, Ambaasaaddaroonni qulqullinaa, Artistoonni beekamoo fi Atleetonni akkasumas kutaawwan hawaasaa garaagaraa hirmaachuu ibsameera.
Guyyaa boruus durreewwan dhaabbilee amantaa garaagaraarraa, miseensonnii fi bakka bu’oonni yaa’ii dhaabbilee amantaa magaalichaa, Mana Amantaa Kiritiyaanaa Ortodoksii Ityoophiyaatti kutaa lallaba magaalaa Finfinnee,dargaggoonni tola ooltonni fi hawaasni magaalicha bakka ayyaanni Damaraa itti kabajamu Addabaabayii Masqalaa kan qulqulleessan ta’uu ragaan Waajjira Seekretariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.