Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti konkolaachistoota seera kenniinsa tajaajila geejjibaa cabsan kuma dhibba 1olirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti konkolaachistoota seera kenniinsa tajaajila geejjibaa cabsan kuma dhibba 1fi kuma 30 olirratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Geejjibaa magaalichaa beeksise.

Biirichi seera kenniinsa tajaajila geejjibaa haalaan to’achuun jiraattota dhamaatii fi baasii dabalataarraa ittisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hojii walakkaa waggaa seera kabachiisuu hojjeteen konkolaachistoota  seera kenniinsa tajaajila geejjibaa irra darban kuma dhibba 1 fi kuma 30 fi 472 irratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.

Tarkaanfii fudhatameen Birrii miiliyoona 19 fi kuma dhibba 6 fi kuma 30 ol walitti qabuu danda’uu eereera.

Tarkaanfiin kan fudhatame hanga eeyyamameen ol warren fe’an, taariifaa ol warren kafalchiisan, fageenya irratti ramadamaniin gaditti warren kukkutanii fe’an, warren taapheellaa hin fannisannee fi balleessawwan walfakaataa warreen   raawwatan irratti ta’uu ibsameera.

Fuulduratti hojiimaata teeknooloojiin deeggarame cimsuun hojii hordoffii fi to’annoo irratti xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibseera.

Konkolaachistoota guyyoota ayyaanaa fi galgala galgala qajeelfamarra darbuun hojjetan irratti hojiin hordoffii fi to’annoo cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Qajeelfamoota kenniinsa tajaajila geejjibaarratti ba’an hojiirra oolchuun hanqinni geejjibaa akka hin mudanneef konkolaachistoonni itti gaafatamummaa isaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.