Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti manneen walitti hidhamoo kuma 5 ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Akaaqii Qaallittiitti manneen walitti hidhamoo kuma 5 ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.
Ijaarramuun manneen kanneeniin rakkoo mana jireenyaa magaalichaa furuuf qooda olaanaa qabaachuu fi Teeknooloojii haaraan yeroo gabaabaa keessatti kan ijaarraman ta’uu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Marsaa jalqabaan manneen kumni 5 waggaa 1 keessatti ijaarramanii kan xumuraman ta’uu fi ijaarsi isaa Korporeeshinii Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaan kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Waliigala manneen kuma 10 ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.
Manneen jireenyaa fi daldalaa abbaan darbii 4 fi 9 kan ijaarraman ta’uu ibsameera.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.