Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti konkolaachiftoota seera darbanii fe’an 438 irratti tarkaafiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti tatamsa’ina vaayarsii koroonaa ittisuuf hojii eegalameen damee geejjibaan Konkolaachiftoota seera darbanii fe’an 438 irratti tarkaafiin fudhatame.
 
Qaamooleen kunneen seeraa ol fe’uu fi tuttuqaan hin barbaachifne akka raawwatu warreen godhaniidha jedhame.
 
Konkolaachiftoota kanneen keessa Birrii kuma 40 fi 640 kan adabaman jiraachuu Qajeelcha Poolisii magaalichaatti itti gaafatamaan diiviizhinii Koominiikeeshiinii Inispeektar Gazahaanyi Agguuttoo Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif himaniiru.
 
Konkolaatoonni ummataa Doolfinii jedhaman 3, taaksiin 1 fi Baajaajiin 6 irra deddeebiin badii raawwachuu isaaniin to’annoo jala oolaniiru jedame.
 
Dabalataan manneen Shiishaa 12 fi namoonni yakkicharratti hirmaataan 18 meeshaalee shishaa 92 waliin to’annoo jala oolaniiru jedhameera.
 
Kaleessaa fi dheengadda to’annoo taasiifameen manneen Shubbisa galgalaa 13 cufamuu isaanii ibsameera.
 
Hojiin vaayrsaii koroonaa ittisuuf eegalame kun cimee kan itti fufu ta’uus himameera.
 
Taarikuu Addunyaatu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.