Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaatti konfiransiin dargaggootaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) –Magaalaa Shaashamannee fi Jimmaatti konfiransiin dargaggootaa nageenya tiksuurratti xiyyeeffate gaggeeffameera.

Nageenya magaalaa Shaashamannee tiksuuf tattaaffiin dargaggootaa qooda olaanaa ba’uu miseensi Koree hoji Raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa fi Dura taa’aan Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Ummatoota Kibbaa Sambatoo Abbabaa ibsaniiru.

Dargaggoonni nageenya biyyaa tiksaa hojiinis jireenya ofii fooyyeffachuuf hojjatuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.

Magalaa Jimmaattis konfiransiin Dargaggootaa mata duree “Ga’ee Dargaggoota Bara Keenyatti” jedhuun haala yeroo irratti gaggeeffameera.

Itti gaafatamaan waajjira paartii Badhaadhinaa godina Jimmaa obbo Lataa Ashabbir, dargaggoonni olola diiinarraa fagaachuun ijaarsa biyyaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhan.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa aadde Saamiyaa Abdallaa gama isaaniin, dargaggoonni rakkoowwan isaan mudatan obsaa fi bilchinaan darbuu akka qaban dhaamaniiru.

Jamaal Kadiiroo fi Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.