Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sulultaatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa to’atame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Magaalaa Sulultaa ganda 01 iddoo addaa dhaabata Awutoobisii jedhamutti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa garaagaraa to’annoo jala ooluu Qajeelchi Poolisii magaalichaa beeksiseera.
Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa naannoo Gaambeellaa ka’uun magaalaa Finfinnee qaxxamuun gara Lixa Goojjama imalaa ture to’atamuu Daayreektoreetiin Qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Sulultaa Komaandar Nagarii Dhibbaa ibsaniiru.
Kilaashii dacha’aan 41, Kilaashiin abbaa miila mukaa 21 walumaagalatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa 62 kaartaa 57 waliin Bishaan Haayilaandii waliin makamanii imalaa turan eeruu uummataa fi hordoffii qaamolee nageenyaan Caamsaa 19, 2013 halkan keessaa sa’aatii 9:00 irratti to’atamuu himaniiru.
Meeshaalee kanneen waliin qaamoleen shakkaman magaalaa Finfinneetti to’atamuu ragaan Qajeelcha Poolisii magaalaa Sulultaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.