Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti akkaataa waliigaltee ijaarsaa raawwataniin kontiraaktaroonni yeroo qabame keessatti ijaarsa akka xumuran hubachiifame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti ijaarsa pirojektootaaf kontiraaktaroonni akkaataa waliigaltee ijaarsaa raawwataniin yeroo qabame keessatti ijaarsa akka xumuran Obbo Jaanxiraar hubachiisan.

Obbo Jaanxiraar hojiilee ijaarsaarraatti kontiraaktaroota walii marii gaggeessaniin, akkataa waliigaltee seenaaniitti hojii eegalan akka xumuran hubachiisan.

Kontiraaktaroota waliigaltee seenanii ijaarsa hinxumurrerratti bu’uura waliigalteen, tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu fi kontiraaktaroota biroof dabarfamee kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Marichaarratti kontiraaktaroonni akkaataa waliigaltee seenaaniitti yero qabameef keessatti ijaarsa gaggeessaa akka hinjirre ibsameera.

Kontiraaktarooni gama isaaniin daballiin gatii meeshaalee ijaarsaa yeroo ammaa mul’atu hojii isaaniirratti gufuu uumuu fi fooyya’iinsi gati akka taasifamu gaafataniiru.

Waliigaltee gatii duraan tureen alatti fooyya’iinsii gatii kan hintaasifamne ta’uu ibsanii, kontiraaktaroonni wabii barbaachisa qabsiisuun liqiin akka mijatuuf Obbo Jaanxiraar beeksisuu ragaan Biiroo Misoomaa Indaastirii fi Interpiraayizii Hojii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Biiroon Konistiraakshiniis akkataa seerri eeyyamuun deeggarsa taasisuu akka qabu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.