Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dhiyeessii manaa dabaluuf misoomsitoota Riil Isteetii waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhiyeessii manaa dabaluuf misoomsitoota Riil Isteetii waliin mariin gaggeeffameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhimmoota magaalittii misoomsuu danda’an irratti misoomsitoota Riil Isteetii waliin hojjechuuf marii gaggeessuu ibsameera.

Sadarkaa Ittaantuu Kantiibaatti hoggantuun Biiroo Misooma Manneenii magaalaa Finfinnee aadde Yaasmiin Wuhabrabiin moodaalitiiwwan filannoo misooma manaa bulchiinsi magaalichaa qopheesse hirmaattota marichaaf dhiyeessaniiru.

Misoomsitoota Riil Isteetii waliin ta’uun jiraattota kaffaluu danda’an abbootii manaa taasisuu fi warreen kaffaluu hin dandeenye gatii madaalawaan haala kireeffatanii jiraachuu danda’an mijeessuuf qaamolee dhimmamtootaa waliin hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa deeggartoota misoomaa waan ta’aniif moodaalitiiwwan dhiyaatan gadi fageenyaan ilaaluun hojiirra oolmaa isaaf bulchiinsa magaalichaa waliin qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Dhaabbileen dhuunfaa teeknooloojiiwwan haaraa yeroo gabaabaa keessatti ijaarsa manaa xumursiisuu dandeessisan fiduun ga’eesaanii akka ba’atan yaadachiisaniiru.

Xumura marichaan humni waloo dhiyeenyaan bulchiinsa magaalichaa waliin hojjetu hundaa’uu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.