Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti koreen deeggarsa boba’aa tajaajila geejjibaa uummataaf taasifame to’atu hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)-Magaalaa Finfinneetti koreen deeggarsa boba’aa tajaajila geejjibaa uummataaf taasifame to’atu hundaa’uu ibsame.

Deeggarsichi dhamaatii tokko malee haala bu’aa qabeessaafi karaa waarawaa ta’een kaayyoo kaa’ameef akka galmaan ga’uuf korichi hundaa’uu ibsameera.

Magaalichatti raawwiin baatii tokkoo deeggarsichaa  bakka Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan magaalichaa Obbo Xiraatuu Bayyanaa argamanitti gamaaggamameera.

Baatii tokkoon kana keessatti odeeffannoon konkolaattota fayyadamoo deeggarsichaa gurmaa’uu, galmeessi teeknooloojiin deeggarame taasifamuufi konkolaattonni hedduun gama teeleebirriin bittaafi gurgurtaa taasisaa jiraachuun akka ciminaatti kan fudhatamu ta’uu eerameera.

Deeggarsi boba’aa taasifame kun bu’aa qabeessa akka ta’uuf rakkooleen raawwiirratti mudatan ariitiin akka adda baafaman kallattiin taa’uu ibsameera.

Galmeen konkolaattota geejjibaa uummataa hin xumuramnee ariitiin akka xumuramu, warreen galmaa’anii gama teeleebirriin fayyadamuu hin eegalle akka eegalan, taarifa bu’uura deeggarsaan ba’e qofaan tajaajilli akka kennamuufi warreen dhimmoota kanneen hojiirra hin oolchinerratti hordiffiin akka taasifamu yaadachiisaniiru.

Deeggarsi boba’aa konkolaattota tajaajila geejjiba uummataaf taasifame bu’aa qabeessa akka ta’uuf koreen qaamolee dhimmamtootarraa walitti babba’an hundaa’uu ragaan wajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.