Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti manneen gandaa seeraan alaa qabamanii turan harka qalleeyyif dabarfaman

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti karaa seeraan alaatin manneen gandaa qabamanii turan gadi lakkisiisuun jirattoota magaalichaa rakkoof saaxilamaanif kan darbarfamaan ta’uu itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Bulchiinsa magaalichaatti baatiwwan darba keessaa kutaa magaaloota hunda keessaatti sakattoo taasifameen manneen ganda karaa seeraan alaatin qabamanii argamuun isaanii ibsameera.

Guyyaa har’aa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa Araadaatti manneen jireenyaa ganda 139 seeraan  alaa qabamanii turuu ibsameera.

Haaluma kanaan bulchiinsi magaalicha manneen seeraan alaa qabamanii jiran namoota harka qalleeyii fi rakkoo garagaraatif saaxilamaniif akka laatamuu murtaa’uu aadde Adaanach ibsaniiru.

Aadde Adaanach furtuu manneen ganda kanneenii harka qalleeyiif laataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.