Fana: At a Speed of Life!

Magaalonni Garagaraa, Fillaaqiit fi Aqaat humna elektirikaa addaan cite ture argatan

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Magaalonni Walloo Kaabaa kanneen akka Garagaraa, Fillaaqiit fi Aqaat humna elektirikaa sababa gochaa garee shororkeessaa ABUTiin addaan cite ture argachuu ibsame.

Godinichatti tajaajila humna elektirikaa deebisuuf hojiilee hojjetamaniin sararoonni daddanbarsa elektrikaa olaanaa fi giddugaleessi suphamuu fi traansfoormeriiwwan miidhaan irra ga’e jijjiiruu cimee itti fufuu ibsameera.

Godinichatti miidhaan gareen shororkeessaa ABUT bu’uuraale misoomaa elektirikaa irratti raawwate olaanaa ta’us tattaaffii hoggansaa fi hojjettoota dhaabbatichaan Muddee 18,2014 irraa eegalee magaalonni Gaashanaa, Koonii fi Daawunt humna elektrikaa argachuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.