Fana: At a Speed of Life!

Manneen Jireenyaa waliinii kumni 38 yeroo dhiyootti jiraattootaaf ni dabarfamu

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfninnee Manneen jireenyaa waliinii ijaarsi isaanii xumuraman kuma 38 yeroo dhiyootti jiraattootaaf kan dabarsu ta’uu beeksise.

Bulchiinsi magaalichi misooma manneen walqabatee Birrii biiliyoona 50 idaa akka of irraaqabu Kaantibaa Itti Aanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Taakkalaa uumaan ibsaniiru.

Kaabineen magaalichaa hojiilee hojjetaman ilaalchisee Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo fi waliti qabdootaa koree dhaabbii mana marichaaf ibsa laataniiru.

Koreen dhaabbii kunneenis harkifamuu ijaarsa manneen jireenyaa, weerrara lafaa fi iddoolee sanada hin qabne irratti gaaffii bal’aa kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa komii ummatni misooma manneenii irratti qabu deebisuuf manneen jireenyaa ijaarsi isaanii xumuraman dabarsuu fi kanneen hojjetamaa jiran ammoo ariitiin xumuruuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Injiiner Taakkalaan ibsaniiru.

Akka fakkeenyaatti Baatiiwwan saddeettan darban keessatti qofa gamoowwan 8 manneen kuma 1 fi 700 qaban ijaarramanii xumuramuu isaanii eeraniiru.
Handhuura magaalaatti manneen kumni 38 ijaarsi isaanii xumuraman yeroo dhiyootti jiraattootaaf kan dabarfaman ta’uu dubbataniiru.

Manneen kunniin ariitiin hojjetaman abbootii carraaf dabarfamuu dhabuun isaanii bulchiinsi magaalichaa Birrii biiliyoona 50 idaa keessa akka galu taasisee jira jedhaniiru.

Gama biroon jiraattoonni carraan mana 40/60 fi 20/80 fudhatan, dhalaa fi Inshuraansii seeraan kaffaluu dhabuun isaanii idaan akka baayy’atu godhee jira jedhan.

Dabalataan manneen kumni 130 ijaarramanii erga xumuramanii yeroon abbootii carraaf dabarfamuu dhabuunis rakkoo isa tokko ture jedhaniiru.

Bara kanas manneen jireenyaa kuma dhibba 5 ijaarsa eegaluuf kan karoorfame yoo ta’u, kumni 175 mootummaan, kanneen hafan ammoo dhaabbiilee dhuunfaan ijaarramu jedhaniiru.

Bara baajataa kana hojii dhabeeyyiii kuma dhibba 2 fi kuma 50f carraa hojii uumuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u,hanga ammaatti dargaggoota kuma 150f carraan hojii uummamuu ibsameera.

Maddi: ToI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.