Fana: At a Speed of Life!

Manneen Murtii Federaalaa gariin cufaa turan har’aa jalqabee dhaddacha idilee eegalaniiru

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Manneen Murtii Federaalaa gariin cufaa turan har’aa jalqabee dhaddacha idilee eegalaniiru.
 
Manneen murtii kanneen Bitootessa 10,2012 eegalee gariin cufaa turaniiru.
 
Har’aa eegalaniis amma Adoolessa 30,2012tti manneen murtii hundatti deebiin, yaadni, bu’aan ajajaa kan laataman ta’a.
 
Murtee argachuuf dhimmoonni fiixerra ga’an, akkasumas galmeewwan himannaa hidhamtootaa beellamaan ni keessummeeffamu.
 
Dhimmoota ariitiin ilaalamaniin ala kaan bara itti aanuf dabarfamu jedheera manni murtichaa.
 
Himata kallattii, galmeewwan haaraa, ol iyyannoo fi raawwiin ammoo Hagayya 1 hanga Hagayya 30,2012tti ilaalamuu kan eegalan ta’a.
 
Dhaddachi ol iyyannoo Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa kan Finfinneedhaa dhufu kan ilaallamu yoo ta’u, kan naannoleedhaa dhufu sababii vaayrasii koroonaatin kallattii eeggata.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.