Fana: At a Speed of Life!

Manneen murtiitti adeemsi haqaa harkifachuu fi murteen jallachuun yaaddoo malaanmaltummaa ta’aa jira-KNFMF

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Manneen murtiitti adeemsi haqaa harkifachuu fi murteen jallachuun yaaddoo malaanmaltummaa ta’aa jiraachuu Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Maalaanmmaltummaa Federaalaa Beeksise.

Koomishinichi yaaddoowwan malaanmaltummaa manneen murtiitti mul’atan ilaalchisuun qorannoo gaggeeffamerratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Argannoo qorannichaan manneen murtiitti harkifachuun adeemsa haqaa fi murteen jallachuun yaaddoo malaanmaltummaa ta’aa jiraachuu eerameera.

Tajaajilamtoota waliin hariiroo hinmalle uummachuu, abbootii murtee tokko tokko biratti hanqinni naamusaa mul’achuu, hojii murtee dhaddachaa ifatti gaggeeffamuu dhabuun, jechi raga-baatotaa citee akka dhiyaatu ta’uu dabaltee yaadoowwan malaanmaltummaa biroon mul’achaa jiraachuu qorannichaan bira ga’ameera.

Qorannichi kan gaggeeffame sadarkaa federaalaatti akkasumaas Naannoolee Oromiyaa fi Kibbatti manneen murtii filatamanitti yoo ta’u, sanada manneen murtiirraa argame, ragaa hoggantoota, hojjettootaa fi qondaaltota naamusaarraa argameen ta’uu himameera.

Galmee dhoksuu fi balleessuun gatii barbaacha galmee gaafachuun rakkoolee mul’atan keessaa kan eeraman ta’uun ibsameera.

Koomishinichi yaaddoowwan malaanmaltummaa manneen murtiitti mul’atu ilaalchisuun yaada furmaataa kaa’een, abbootii murtee hanqina naamusaa qabanirratti tarkaanfii barbaachisaan fudhaamuu akka qabu, galmeewwan oodiitii ta’uu akka qaban akeekeera.

Molliittoo Eliyaastu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.