Fana: At a Speed of Life!

Manni barumsaa Ifa Boruu Haroo Wancii eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu Haroo Wancii Birrii miiliyoona 34 oliin ijaarrame eebbifameera.

Manni Barumsaa kun gaaffii hawaasa aanaa Wancii yeroo dheeraa sadarkaa 2ffaa dhabuun rakkachaa turan kan furu ta’uu ibsameera.

Mana Barumsa Ifa Boruu sadarkaasaa eeggate ijaarame kana sirnaan irraa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaa Waajjira Barnoota Godina Shawaa Kibba Lixaa obbo Dirribaa Dheeressaa hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Kibba Lixaa obbo Taayyee Guddisaa gama isaaniin Manni barnootaa kana  waan hir’atu guutaa barattoota safuu fi aadaa barsiisuu qabna jechuu isaanii OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.