Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Daldalaa Eemireetoota Araba Gamtoomanii hariiroo daldalaa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf qophii ta’uu mirkaneesse

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Manni Maree Daldalaa Eemireetoota Araba Gamtoomanii hariiroo daldalaa Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf qophii ta’uu mirkaneesseera.
Ambaasaaddar Akliiluu Kabbaddaan Eemireetoota Araba Gamtoomaniitti dura taa’aa Mana Maree Daldalaa fi Indaastirii Shaarjaa Abdallaa Sulxaan Al Uwayis waliin dhimmoota hariiroo Daldalaa fi Invastimantiirratti marai’ataniiru.
Abdallaa Sulxaan Al Uwayis manni marichaa gita isaa Ityoophiyaa waliin tumsaan hojjechuun hariiroo daldalaa biyyoota kanneenii sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf qophii ta’uu eeraniiru.
Ambaasaaddar Akliiluun gama isaaniin Ityoophiyaa fi Emireetoonni Araba Gamtoomanii damee Biiznasii keessattuu Biiznasii Shaarjaan hariiroo daldalaa hawaasa gidduu jiru sadarkaa fooyya’atti guddisuun ergama isaanii olaanaa ta’uu kaasaniiru.
Mana Maree Daldalaa Shaarjaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhiin jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Qoontsilaa Dubaayii fi Kaaba Eemireetirraa argame ni muul’isa.
Manni Maree Daldalaa fi Indaastirii Shaarjaa Mana Maree Daldalaa fi Damee Waldaalee waliin sanada waliigaltee mallatteessuun kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.