Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Siiviilii Ityoophiyaa Hundaa’e

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Manni Maree Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii Ityoophiyaa hundaa’u ibsameera.

Yaa’ii hundeeffama Mana Marichaarratti bakka buutoonni Waldaalee Dhaabbilee Siiviilii argamaniiru.

Hundeeffamuun mana marichaa lammii ga’umsaa fi bilisummaan gurmaa’u, yaadaan moo’achuutti amanuu, kabaja biyyaa eegsiisuu, ofitti amanamummaa qabu oomishuurratti shoora olaanaa qabaachuu ibsameera.

Labsiin waldaalee siiviilii dhiyeenya fooyya’e manni marichaa akka hundaa’uuf qooda isaa ba’uu eerrameera.

Dhaabbileen kunneen hojmaata ifaa fi itti gaafatamummaa akka qabaatan taasiisuuf manni marichaa hojiilee garaagaraa ni raawwata jedhame.

Dambiiwwan namuusaa manni marichaa baasu dhaabbilee Waldaalee Siiviilii hundarratti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Waldaaleen kunneen namuusaan kan ga’ooman, faayidaa hawaasaaf kan hojjetan, hojmaata badaa fi malaamaltummaarraa bilisa akka ta’an, bilisummaan hawaasaa kan tajaajilanii fi fudhatama kan qaban akka ta’aniif manni marichaa ga’ee olaanaa taphata jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.