Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Magaalaa Bishooftuu hundaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- Yaa’iin walitti makamiinsaa fi hundeeffama Mana Maree Magaalaa Bishooftuu gaggeeffameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa barana magaalonni walitti makamuun carraa fi qabeenya walitti fiduun akka guddataniifi misoomaniif bifa haaraan akkaataa gurmeesseen, Magaalaan Bishooftuu fi Magaalaan Duukam walitti makamuun Magaalaan Bishooftuu hundaaffamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Yaa’iin walitti Makamiinsaa fi hundeeffama Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu fi Duukam gaggeeffameera.

Haaluma kanaan yaa’icharratti Aadde Qananii Bajigaa Afyaa’ii fi Aadde Loomisheet Indaalaa, Itti Aantuu Afyaa’ii mana maree Magalaa Bishootuu taasisuun muudeera.

Obbo Alamaayyoo Asaffaa Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu taasisuun muudama isaanii sagalee guutuun ragaasiseera.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.