Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree magaalaa Finfinnee aadde Zarfashiwaal Nigusee Af-yaa’ii godhuun muude

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii 8ffaa bara 1ffaa galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeessa jira.
 
Manni marichaa aadde Zarfashiwaal Nigusee Af-yaa’ii Manni Maree Bulchiinsa magaalaa Finfinnee godhuun muudeera.
 
Yaa’ichi raawwii hojii kurmaan 1ffaa bara hojii 2013 bulchiinsa magaalichaa kan gamaaggamu ta’uu ibsameera.
 
Yaa’ii idilee galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeeffamu kanaan wixinee labsii garaagaraa dhiyaaturratti mari’achuun murtoo ni dabarsa jedhamee eeggama.
 
Dabalataan muudamoota garaagaraa itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dhiyeessan kan mirkaneessu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.