Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz qajeelfamoota garagaraa raggaasise

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz yaa’ii idileesaa 10ffaa, bara hojii 5ffaa waggaa 5ffaa gaggeesseen qajeelfamoota garagaraa qorachuun raggaasise.

Manni marichaa yaa’ii gaggeesseen wixinee labsiii bulchiinsa al waalta’aa aanaa fi gandaa fooyya’e,akkasumas wixinee labsii lakkoofsa mana maree sadarkaa  hundaa naannichaa murteessuuf fooyyya’ee ba’e qorachuun raggasiseera.

Preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan gabaasa raawwii hojii mootummaa baatii 6 mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Rakkoo nageenyaa walakkeessa waggaa kanaa naannicha keessatti mul’ate furuuf hojii hojjetameen naannichatti yeroo ammaa nageenyi fi tasgabbii gaariin uummamuu eeraniiru.

Dabalataan manni marichaa haalaa caaseeffama gandoota irratti yaada dhiyaate irratti mari’achuun naannicha keessatti baayy’ina gandootaa 474 ture dabaluun gandoota 518 akka ta’u murteessuu isaa ragaan WDhKM naannichaa argame ni agarsiisa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.