Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Hararii muudama haara mirkaneesse

Finfinnee, Hagayya 23, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii muudama haara mirkaneesse.

Manni Maree naannoo Hararii af-yaa’ii mana maree olaanaa fi itti aanaa preezdaantii muude.

Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 1ffaa marsaa 5ffaa waggaa 5ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen muddamtoota haaraa kan mirkaneesse.

Bu’uuruma kanaan aadde Addisalem Bazaabih Af-yaa’ii Olaantuu mana marichaa taasisuun muudeera.

Akkasumas, aadde Misiraa Abdallaa Itti Aantuu Preezdaantii gochuun sagalee guutuun mirkaneesseera.

Dabalataan aadde Fooziyaa Bakir Bulchiinsa seeraatti walitti qabduu koree dhaabbii dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa taasisuun muudeera.

Obbo Sulxaan Abdulsalaam mana marichatti walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota diinagdee godhuun muudeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.